Goolaba
Read the full fact sheet- Taateewwan dhiphinaa ykn haala sodaachisaa booda dubdeebii cimaa kennuun waan sirriidha. Taateewwan dhiphinaa kan ta’uu danda’an: Ibiddaa bosonaa ykn lolaa Yakka ykn gocha haleellaa isinirratti raawwatamu Balaa konkolaataa Qaaman ykn miidhaan saala qaqabuu Suuraawwan, gabaasa oduu ykn miidiyaa haawasaa waa’ee taateewwan dhiphinaa ilaaluu.
- Muudannoo qaamaa, sammuu, miiraa fi amalaa baay’een isin irratti mul’achuu danda’a. Garuu wanti baay’een isin dandamachuuf taasistan ni jira.
- Hanga ammatti mallattoowwan kunniin torbee 3-4 boodas kan mul’atan yoo ta’e, gargaarsa argachuun barbaachisaadha.
On this page
Gargaarsi eessaa akka argamu
- GP (Hakima waligalaa) keessan
- Ogeessa olaanaa fayyaa sammuu keessanii, kanneen akka Saaykatristii, Saaykolojistii, gorsaa ykn hojjataa hawaasummaa
- Giddu-gala fayyaa naannoo keessanii
- Tajaajila rifeeralii hawaasa saaykolojistii Awustraliyaa Bilb. 1800 333 497
- Phoenix Australia Giddu-gala Fayyaa Sammuu Dur-duuba Miidhaa balaa Bilb. (03) 9035 5599
- Giddu-gala gaddaa fi Du’a Firaa Bilb. 1800 642 066
Tajaajila tolaa ogeessa olaanaa miidhaa balaa:
- Yoo ati miidhamaa yakkaa taate, toora interneetii kana daawwadha, victimsofcrime.vic.gov.au/services-for-victims-of-crime-[oromo]. Akkasumas Sarara Gargaarsa Saaxilamaa Yakkaa 1800 819 817 irratti bilbiluu ni dandeessu. Namootni afaan hiikan jiru.
- Balaan tiraafikaa yoo isin muudate, Hawaasa Amber – gargarsa balaa daandii fi barnootaa (03) 8877 6900 ykn 1300 367 797 irratti qunnamaa.
Gorsa argachuuf:
- Sarara jireenyaa Bilb. 13 11 14
- Sarara gaddaa Bilb. 1300 845 745
- beyondblue Bilb. 1300 22 4636
- NURSII-BILBILA-IRRA Bilb. 1300 60 60 24 – odeefannoo fi gorsa ogessaa fayyaa argachuuf (sa’aatii 24, guyyoota 7)
- Toora interneetii Guddisa Daa’immanii Australia – raisingchildren.net.au
Akkasumas Podcast waa’ee miidhaa balaa fi dandamannaa kana dhaggeefadhaa.
Odeeffannoo miidhaa balaa fi dandamannaa afaan keessaniin argachuuf Turjumanaa Fayyaa daawwadha.
Miidhaa balaatiif deebii akkamii lachuu akka dandeessu
Karaan isin miidhaa balaatiif deebii laattan kan irratti hundaa’u:
- Gosaa fi hamma taatee miidhaa balaa
- Muuxannoo ykn leenjii kana dura qabdan
- Kallaattiidhan kan irratti hirmaattan ykn bira turtan
- Taateedhan booda hamma gargaarsa argattanii
- Wantoota isin dhiphisan biro jireenya keessan keessatti isin mudatan
- Haala isn taateewwan dhiphinaa itti ilaaltan
- Muuxannoo miidhaa balaa kanan dura qabdan kamuu.
Wanti dhiphisuu yoo darbe, miira taatee sana qabaachuuf yaaluu ni maltu. Inni kunis kanneen yaaduu of keessatti qabata:
- Akkamitti fi Maalif akka uumame
- Akkamitti fi maaliif akka irratti argamtan
- Maaliif akka akkana gootu isinitti dhagahamu
- Miirri isinitti dhaga’amaa jiru nama akkamii akka taatan mul’isuu danda'a
- Muuxannichi ilaalcha jireenya keessan irratti jijjiirama fide moo hin fidne, fi akkamitti.
Akkasumas muudannoon jijjiiramuu miiraa, sammuu, qaama fi amalaa jiraachuu mala.
Miira dubdeebii miidhaa balaa
Kan isinitti dhagahamuu malu:
- Baay’ee dhiphachuu, yaadda’uu ykn sodaachuu
- Wanti biraa akka waan uumamuutti, sodaachuu
- Akka waan balaa jala jirtanitti
- Adooduu ykn rifachuu
- Joonja’uu
- Yeroo baay’ee miira keessa galuu fi aaruu
- sirriitti dadhabuu fi mukaa’uu
- Gadduu
- Eegumsa namoota biro maatii fi hiriyyoota dabalatee
- Mana keessan akka dhistanii deemu hin barbaadne
- Akka waan iddoo fi namoota irraa adda baafamtanii yaaduu.
Dubdeebiin kun sirriidha, akkasumas miiraa wal fakkaatan baay’ee al tokkoon isin mudachuu mala.
Inni kun adeemsa dandamanna fi fayyuu qaama keessaniiti, uumamaati akkasumas yeroo baay’ee fayyumman isinitti dhagahama.
Dubdeebii sammuu miidhaa balaatiif
Tarii isin:
- Wantoota yaadachuu dhabuu fi rakkoo xiyyeeffannoo dhabuu qabaachuu
- Osoo hin barbaadin waa’ee taatee sana yaaduu
- Sammuu keessanitti haalichi akka darbee deeddebisaa himaa
- Joonja’uu ykn tasgabbii dhabuu.
Miidhaa balaaf dubdeebii qaamaa
Tarii qaamni keessan:
- Dadhabbii fi humna dhabuu
- Hirriba dhabuu
- Mudachuu garaa gubuu, oldeebisuu, mukaa’uu fi bowwoo mataa
- dafqisiisuu baay’een muudachuu
- Dhahannaa onnee guddaa qabaachuu.
Dubdeebii amalaa miidhaa balaatiif laatamu
Tarii kan barbaaddan:
- Taatee sana yaadachuu irraa lagachuu
- Waan uumame yaaduu fi dubbachuu itti fufuu
- Waan guyyaa guyyaan raawwattan dhiisuu ykn jijjiiruu
- Baay’ee ykn xinnoo nyaachuu
- Alkoolii baay’ee fi/ykn buna dhuguu
- Tamboo xuuxuu
- Hirriba dhiisuu.
Miidhaa balaa irraa akkamitti fayyuu ykn dandamachuu akka dandeessu
Wantoonni jireenya keessan ykn kan nama biraa rakkoo keessa galchuu danda’u kamuu isin dhiphisuu danda’a. Kunis ‘muudanno tasaa’ jedhama akkasumas yommuu qaamni keessan balaaf deebii laachuuf yaaludha. Qaamni keenya yeroo gabaabaa keessatti humna guddaa nuuf kennuun lubbuun jiraachuu keenya gargaaruuf yaalaa jira.
Namoonni baay’een yeroo gabaabaaf ‘muudanno tasaa’ keessa turu. Garuu yeroo wanti hin eegamne isin muudatu ykn deebitee dhiphina keessa yoo galtu gara ‘muudanno tasaa’tti deebi’uu dandeessu. Taatee miidhaa balaa booda dadhabbiin isinitti kan dhagaʼamuu kanaafi.
Qaamni keessan akka fayyu fi akka dandamatu gargaaruuf ‘muudanno tasaa’ keessaa akka baatan of gargaaruu qabdu. Qaamni keessan gara sadarkaa anniisaa idileetti akka deebi'u gargaara. Kunis yeroo baay’ee taatee booda hanga ji’a tokkoo fi isaa ol turu mala.
Tooftaaleen fayyuu fi dandamachuu si gargaaran hedduutu jiru. Kan dandeessan:
- muuxannoo dhiphinaa ykn sodaachisaa keessa akka dabarsite hubadhu. Dubdeebiin keessan sirriidha
- akka ofii keetii akka sitti hin dhagahamne fudhadhu, garuu kun ni darba
- akka idileetti waan tokko hojjechuu yoo dadhabde ofitti akka hin aarre ykn akka hin mufanne yaali
- dandamachuuf alkoolii ykn qorichoota fayyadamuu dhiisaa
- hanga nagaan isnitti dhagahamutti murtoo gurguddaa ykn jijjiirama jireenyaa guddaa fidaan irraa fagaadhaa
- yeroo fudhadhuun gara jireenya idileetti deebi'aa
- nama isin deggeruu fi isin hubachuu danda'u waliin haasa'aa
- hojii idilee keessan hojjachuun fi hojii offitti baay’isuu yaalaa
- iddoowwan ykn sochiiwwan tokko tokko irraa fagaachuuf karaa kee akka hin gadhiifneef yaali
- yeroo boqonnaa adda baasi
- sochii qaamaa yeroo hunda gochuuf karoorfadhaa
- gargaarsa maali akka isin barbaachisu maatii fi hiriyoota keessanitti himaa, kan akka yeroo bashananaa ykn nama waliin haasoftu
- tooftaalee boqonnaa kan akka yogaa, hafuura baafachuu ykn yaaduu fayyadamaa. Wantoota isin gammachiisan, kan akka muuziqaa dhaggeeffachuu ykn biqiltuu kunuunsuu hojjechuu ni dandeessu
- miira keessan akkuma isinitti dhagaʼamutti ibsaa. Waaʼee miira kee nama tokkoo wajjin haasaʼuu ykn barreessuu dandeessa
- yaadannoo fi muudannoo keessan akkuma sitti dhaga’amutti itti bu’aa. Waaʼee isaanii yaadaa, itti ansuun cinaatti isaan kaaʼaa. Yaadannoowwan biroo yoo fide, rakkoo amma jiru irraa adda baasuuf yaalaa.
Hanga ammatti rakkachaa yoo jiraattan, gargaarsa ogeessaa argachuu ni dandeessu
Dhiphinni taatee miidhaa balaatiin dhufu itti fufiinsa qabaachuu danda’a. Gargaarsa ogeessaa yoo kan barbaaddu ta’e:
- taatee sana booda hanga ji’a tokkoo fi sanaa ol miiraan baay’ee dhiphachaa jirtuu
- miirri adooduu fi duwwaa ta’uu itti fufuu
- mallattoon qaamaa dhiphina agarsiisuu itti fufuu
- hirriba jeeqame ykn abjuu halkanii qabaachuun itti fufuu
- wanta muudannoo keessan yaadachiisu kamuu irraa fagaachuuf yaala
- nama miira keessaan waliin qooduu dandeessan yoo hin qabaanne
- hariiroon maatii fi hiriyoota waliin qabdan rakkisaa ta’ee yoo argitan
- kan jeeqameedha
- alkoolii ykn qoricha baay’ee fayyadamuun
- hojiitti deebi’uu ykn itti gaafatamummaa akka hin fudhannee taasisa
- muudannoo miidhaa balaa sana irra deddeebi’anii yaaduu itti fufuu
- yeroo baay’ee miirri naasuu jiraachuu fi salphaatti rifachuu.
Waa’ee dhibee dhiphina miidhaa balaa boodaa (PTSD)
Taatee dhiphinaa booda, namoonni tokko tokko jiʼa tokkoo fi sanaa booda akka hin fayyine ni hubatu.
dubdeebiin akkanaa jireenya keessan irratti karaa baay’ee dhiibbaa uumuu danda’a. Hariiroo maatii fi hiriyoota keessan waliin qabdan jijjiiruu ykn hojjechuuf isinitti ulfaachuu mala.
Kun dhibee dhiphina miidha balaa boodaa ykn PTSD ta’uu danda’a.
PTSD, akka isin muudate yoo yaaddan ykn yoo isinitti dhagamee gargaarsa ogeessa fayyaa barbaadu dandeessu.
Waa’ee fayyaa sammuu keessanii ykn fayyaa sammuu nama jaallattanii yoo dhiphittan yoomiyyuu, sarara jireenyaa 13 11 14 irratti bilbilaa.