Goolaba
Read the full fact sheet- Ijoolleen keessan dhiphina ykn miidhaa muudannoo Miidhaa balaa irraa akka dandamatan gargaaruu ni dandeessu. Muudannoowwan kunninis: Miidhaa balaa konkolaataa Ibiddaa bosonaa fi lolaa Dhibee tasaa ykn du’a maatii Yakka, kocholloo ykn sarbamuu
- Ijoolleen kan barbaadan: Ofii keessanii haalicha akkamitti akka keessummeesitan Miiraa fi amala isaaniitiif dubdeebii akkamii akka qabdan
- Gorsi kunnin waliin dubbii ijoollee keessan waliin waa’ee muudannoo haalichaa akka qabattan isin gargaara. Mucaa keetti dhugaa waa’ee wanta ta’e umurii isaa irratti hunda’uun akka hubatutti ibsuufiin barbaachisaa dha.
- Yeroo hundaa gargaarsa ogeessaa barbaaduu ni dandeessu. Eegaluuf iddoo gaariin haakima waliigalaa maatii keessaniiti.
On this page
Ijoolleen yeroo Miidhaa balaatiif deebii akkamii kennu
Dub deebiin ijoollee muudannoo dhiphinaa ykn miidhaa itti kennan kan murtaa’u:
- Umurii isaanii
- Eenyummaa isaanii
- Ati ykn maatiin keessan akkamitti akka deebisa jirtan
Ijoolleen keessan tarii akka isin egdaniitti deebisuu dhiisuu malu. Isaan tarii:
- dhiisuu – taateewwan irratti hirmaachuuf fedhii dhabuu malu. Akkasumas ofitti amanamummaa xinnoo qabaachuu, caallisuu, ykn amala gara daa’imummaa isaanitti deebi’uu malu.
- kan qabame – muuxannoo darbe sana deebisanii dabarsuu barbaaduu danda’u. Fakkeenyaaf, irraa deeddebiidhaan taphachuu fi fakkii kaasuu. Mucaan kee gochoota gara fuulduraatti dhufan ilaalchisee sodaachuu fi abjuu sodaachisaa arguu danda’a.
- Yaadda’uu – rakkoo xiyyeeffannoo kennuu dhiisuu qabaachuu malu. Yeroo hundaa isinitti dhiyaachuu barbaaduu malu, rakkoo hirribaa ykn salphumaatti hamleen isaanii cabuu danda’a.
- fayyaa dhabuu – dhukkubbii bowwoo mataa ykn garaachaa qabaachuu malu.
Mucaan keessan dub-deebii deebisuuf suuta jechuu mala. Ijoolleen tokko tokko nagaa fakkaatu, garuu guyyaa booda, torbaan ykn ji’oota booda deebii laachuu malu.
Taatee Miidhaa balaa akkamiitti akka dubbannu
Mucaa keessan waliin amanamummaan yoo qabaattan isaan gargaaruu mala. Isin gochuu kan dandeessan:
- Ijoollee keessan nagaa akka ta’aanii fi taateen sun akka darbe tasgabbessuu. Yeroo baay’ee isaan tasgabbeessuu isirra eegamuu mala.
- Ijoollee keessan dhageeffachuu. Miiraa fi haala isaanii sirnaan hubachuu.
- Ijoollee keessan maaltu akka itti dhagahamuu beekuu akka barbaaddan beeksisaa.
- Ijoollee keessan maaltu akka uumame sadarkaa umrii isaanii madaaluun itti himaa. Afaan isaan danda’an fayyadamaa. Ijoolleen keessan dhugaa jiru yoo hin beekne, maaltu akka uumame karaa isaaniitiin beekuuf yaaluu malu. Ilaalcha isaanii ykn odeeffannoo murtaa’aa ta’e fayyadamuun seena xumuruuf yaaluu ni danda’u. Inni kun immoo caalatti mucaa keessan tasgabbii dhabsiisa.
- Mucaa keessan dogongora isaanii akka hin taane hubachiisaa. Isaan isa kana akka guddisbadeetti ykn waa’ee nama biraa waan badaa yaadanitti yaaduu malu.
- Akka maatiitti waa’ee taatee waliin haasa’aa. Ijoollee dabalatee yaada isaanii akka dubbatan eeyyamaafii. Inni kun hundi isaanii deeggaramuu, dhagahamuu fi hubatamuun akka itti dhagahamuu gargaara.
- Namoonni akkamitti akka dhiphinaaf deebii laatan ijoollee keessaniitti haasa’aa. Haala kana keessatti mirri isaanii sirrii akka ta’e itti himaa. Yeroo booda nagaa akka ta’an itti himuun isaan tasgabbeessaa.
Taatee Miidhaa balaatiif akkamitti dub-deebiin laatta
Haalli isin miiraa fi amala daa’ima keessaniif deebiin laattan dandamachuu isaanii irratti dhiibbaa qaba. Kan barbaachisu:
- Jijiiramuu amala isaanii hubachuu. Ijoolleen dhiphinaa miidhaa irra gaheef haala garagaraatiin deebii laatu. Jijjiiramuun amalaa kannnen akka humnaan aaruu fi siree irratti fincaa’u isaan irraatti mul’aatu sirriidha.
- Xiyyeeffannoo dabalataa ijoollee keessanii kennaa. Inni kun yeroo rafanii fi qofaa isaanii ta’aniif barbaachisaadha.
- Ofii keessanii gargaarsa argachuu. Ijoolleen miidhaa taatee hubachuuf maatii fi guddistoonni akkamitti akka deebisan ilaalu. Ga’eessoota naannoo isaaniitti sodaa isaanii akka hubatanii fi miirri nagaa akka itti dhagahamuuf barbaadu. Isiniis yoo dhiphattan, isinis gargaarsa argachuu dandeessu. Yoo ta’uu baate, sodaa fi dhiphina mucaa keessanii dabaltu.
- Miiraa keessan bifa mijaata ta’een mucaa keessan waliin dubbadhaa. Inni kun waa’ee isaanii akka isinitti haasa’an gargaara.
- Namni hundu garagaraa fi miira garagaraa akka qaban yaadadhaa. Ijoolleen keessan akka isin yaaddanitti akka yaadan hin eeginaa.
- Ijoollee keessanii miira jireenya isaanii to’achuu akka horatan godhaa. Murtee xinnoollee raawwachuun isaan boonsisa. Keessattu inni kun rakkoo jeequmsa booda baay’ee barbaachisaadha. Ijoolleen gargaarsa akka hin qabne yaadan caalatti dhiphatu.
- Ijoollee keessan human ol to’achuu dhiisaa. Taatee booda maatii ofii ofitti qabaachuun sirriidhuma. Garuu addunyaan isaanii nagaa akka ta’e akka itti dhagahamu isaan gargaaruun barbaachisaadha.
Taatee Miidhaa balaatiin booda gaheen maatii
Kan barbaachisu:
- Gochoota keessan yeroo hunduma hanga dandeesse itti fufi. Kunis ijoollee ni tasgabbeessa.
- Ijoolleen keessan gochaa yeroo hundaa to’achuu yoo dadhaban, tasgabeessaa. Kunis baruumsa hordoofuu ykn hojii mana keessaa hojjachuu of keessatti qabachuu danda’a.
- Amala isaaniitiif gocha, itti gaafatamummaa ykn waan biraa haaraa irra eegamu barsiisuu irraa of qusadhaa.
- Mana keessatti gahee ga’eessummaa keessan eegaa. Yoo rakkachaa jirtu ta’e, gargaarsaaf daa’ima keessan irratti hirkachuu dhiisuun barbaachisaadha.
Akka dandamatu/ttu mucaa keessan akkamitti gargaartu:
Kan barbaachisu:
- Mucaa keessan yeroo gahaa akka taphatu/ttu eeyyamaafii. Inni kunis Ispoortii, tapha isaan jaalatanii fi taphaa hiriyyota waliin taasisan ta’uu danda’a.
- Yeroo bohaartii eeyyamafii. Kolfuu, yeroo gaarii fi gammachuu waliin qoodachuun guutummaa maatii akka nagaan itti dhagahamu taasisa.
- Fedhiin nyaataa mucaa keessanii jijjiiramuu akka malu yaadadha. Yoo yeroo nyaatatti nyaachuuf fedhii hin qaban ta’e, nyaata salphaa yeroo hundaa guyyaa guutuu akka nyaatan affeera.
- Mucaan keessan boqonnaa fi hirriba gaha argachuu mirkaneeffadha.
- Jabina qaamaa akka hojjatan gargaaraa. kunis mucaa keessan yeroo dhiphatu/ttu gargaarun hirriba isaanii fooyyeessa.
- Nyaata akka sukkaaraa, nyaata halluu qabuu fi chokoleettii hir’isaa.
- Mucaa keesssan qaaman akka of gadhiisu/ttu gargaaraa. Kunis dhaqna dhiqanna ho’aa, sukkumma qaamaa, yeroo oduu durii fi kanneen biro ta’uu ni danda’a.
- Gochoonni keessan mucaa kan arsuu ykn dallansu yoo ta’e jijjiiraa. Fakkeenyaaf, televezhiniin mucaa keessan dhiphiisuu ykn sodaachisuu ni danda’a.
Waa’ee fayyaa sammuu keessanii ykn fayyaa sammuu nama jaallattanii yoo dhiphittan yoomiyyuu, sarara jireenyaa 13 11 14 irratti bilbilaa.
Gargaarsi eessaa akka argamu
- GP (Hakima waligalaa) keessan
- Narsii fayyaa haadhumma fi daa’imanii keessanii
- Giddu-gala fayyaa naannoo keessanii
- Haakima olaanaa daa’immanii ykn saaykatiristii Daa’imaa fi ijoollee – hakimni keessan isinitti hima
- Phoenix Australia Giddu-gala Fayyaa Sammuu Dur-duuba Miidhaa balaa Bilb. (03) 9035 5599
- Giddu-gala gaddaa fi Du’a Firaa Bilb. 1800 642 066
Akkasumas gorsa kan argattan:
- Sarara jireenyaa Bilb. 13 11 14
- Sarara gaddaa Bilb. 1300 845 745
- beyondblue Bilb. 1300 22 4636
- Sarara Gargarsaa Ijoollee (Kids Helpline) Bil. 1800 55 1800
- NURSII-BILBILA-IRRA Bilb. 1300 60 60 24 – odeefannoo fi gorsa ogessaa fayyaa argachuuf (sa’aatii 24, guyyoota 7)
- Toora interneetii Guddisa Daa’immanii Australia – raisingchildren.net.au